Gabaan Oomishaa Ityoophiyaa qamadii walbichisiisuu eegaluufi

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2015 (FBC)- Gabaan Oomisha Ityoophiyaa barana oomisha qamadii sirna gabaa ammayyaan walbichisiisuu eegaluuf qophaa’uu beeksise.

Hoji Gaggeessan Koorporeet Kominikeeshinii Gabaa Oomisha Ityoophiyaa Natsaannat Tasfaayee oomishicha sirna gabaa ammayyaan walbichisiisuuf qophaa’uu ibsaniiru.

Oomisha qamadii sirna gabaa ammayyaan hogganuuf kan dandeessisu qophiin taasifamaa jiraachuun barana walbichisiisuu akka eegaluu himaniiru.

Sirnichaaf wixinee waliigaltee kan qopheessee fi waliigaltecha raggaasisuun hojii akka eegalchiisu ibsaniiru.

Gabaan Oomishaa Ityoophiyaa dameelee 25’n jiran irra jireessi isaanii naannawaa qamadiin baay’inaan oomishamuutti kan argaman ta’uun qonnaan bultootaa fi dhiyeessitootarraa oomishicha salphaatti fuudhuuf akka dandeessisu ibsaniiru.

Dabalataan, qonnaan bultoonnii fi dhiyeessitoonni oomisha gara gabaatti wayita fidan sakatta’uun erga sadarkaan baafameefii booda liqaa yeroo gabaabaa argachuu kan dandeessisu sirni tajaajila liqii nagahee mankuusaa diriiruu eerameera.

Haaluma walfakkaatuun gabaan oomishichaa Ixaana, Ogi’oo, ruuzii fi oomishaalee biroo barana walbichiisuu akka eegalu himameera.

Maddi:TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment