Garee Ispoortii manneen barnootaa Ityoophiyaa bakka bu’uun waldorgommii ispoortii Paan-Afrikaaniziimirratti hirmaateef sirni badhaasaa taasifame

Finfinnee, Guraandhala 15, 2015(FBC)- Garee Ispoortii manneen barnootaa Ityoophiyaa bakka bu’uun waldorgommii ispoortii Paan-Afrikaaniziimi Taanzaaniyaatti gaggeeffamerratti hirmaateef sirni badhaasaa taasifame.

Gareen ispoortii Manneen barnootaa Ityoophiyaa bakka bu’uun wal dorgommii manneen barnootaa Paan-Afrikaanizimii biyyoota Bahaafi Giddugaleessaa Afrikaarraatti hirmaachuun qabxii gaarii galmeesseef sirni simannaafi badhaasaa taasifameera.

Waldorgommicharratti Manni Barnootaa Gadaa Roobalee dhiirotaan Manni Barnootaa Amboo Awwaaroo sadarkaa 2ffaan ammoo dubartootaan 2ffaa bahuun dorgommicha goolabuun kan yaadatamuudha.

Biiroon Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa waliin ta’uun tokkoon tokkoon garichaaf badhaasa Birrii kuma 50 taasiseera.

Manneen barnootaa madda Ispoorteessitoota ciccimoo biyya bakka bu’an itti argaman ta’uu manneen barnootaa kanarraa hubachuun kan danda’amu ta’uu Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoon haasawaa saganticharratti taasisaniin eeraniiru.

Gara fuulduraattis ispoorteessitoota ciccimoo baasuuf manneen banootaarratti xiyyeeffachuun kan hojjetan ta’uu himaniiru.

Bara kana koorniyaa lamaaninuu naannoon Oromiyaa biyya bakka bu’uun dorgommicharratti hirmaachuun isaa hojii cimaa gama kanaan hojjetame kan mul’isu ta’uu Hoggantuun Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Saamiyaa Abdallaa ibsaniiru.

Iddoon oolmaa Ispoortii manneen barnootaa keessatti akka mijatuu qabus durbee Saamiyaan kaasaniiru.

Gama Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaan walmorkii manneen barnootaa kanaaf xiyyeeffannoon kennamee kan hojjetamu ta’uus eeraniiru.

Dajanuu Gonfaatu gabaase.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment