Gurgurtaa elektirikiirraa galiin Doolaara Miiliyoona 21.4 argameera-HEI

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2016 (FBC)- Baatiiwwan sadan bara baajataa kanaa darbanitti Itiyoophiyaan gurgurtaa humna elektirikii biyyoota ollaaf dhiheessiteen galii Doolaara miiliyoona 21.4 argachuu Humni Elektirikii Itiyophiyaa beeksise.

Gurgurtaan Humna elektirikii Itiyoophiyaan biyyoota ollaaf dhiheessitu waggaa waggaan dabalaa dhufuu Daarektarri Komunikeeshinii Dhaabbatichaa Mogos Mokonnin ibsaniiru.

Itiyoophiyaa humna elektiriikii Jibutii, Keeniyaa fi Sudaaniif kan dhiyeessite yoo ta’u Sudaan Kibbaa fi Taanzaaniyaaf dhiyeesuufis hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Dabalataan Obbo Mogos akka ibsanitti, Itiyoophiyaan waggoota sagal darbaniif Sudaan fi Jibutiif akkasumas waggaa darberraa kaasee Keeniyaaf humna Elektiriikii gurguraan dhiyeessaa jirti.

Gurgurtaan humna elektirikii waggaa waggaan dabalaa dhufuusaa kaasanii, waggoota shaniin dura Doolaara miiliyoona 50 kan ture bara bajataa 2015 gara Doolaara miiliyoona 101 olitti guddachuu dubbataniiru.

Kurmaana jalqabaa bara bajataa kanatti gurgurtaa humna elektirikii dhiyaateerraa Doolaara miiliyoona 21.4 argamuus himaniiru.

Dhiyeessiibiyyaa keessaan irraasa Birrii biiliyoona 4.38 argachuusaas ibsaniiru.

Xumura bara bajataa kanatti humna elektirikii gurgurtaan biyyoota ollaaf dhihaaturraa Doolaara Ameerikaa miiliyoona 150’n argachuuf karoorfamuu dubbachuu TOI gabaaseera.

Dhiyeessiii biyya keessaarraa galii Birrii biiliyoona 20 ol argachuuf karoorfamuu beeksisaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment