Har’a galgalaa eegalee Lammiilee waamicha Iid hanga Iid fudhachuun gara biyyaa dhufan simachuun ni jalqabama jedhame

Finfinnee, Eebila 7, 2014 (FBC) – Galgala Har’aa eegalee Lammiilee waamicha Iid hanga Iid fudhachuun gara biyyaa dhufan Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti simachuun ni jalqabama jedhameera.
Lammiilee Ityoophiyaa, Dhalattoota fi Michuuwwan Ityoophiyaan waamicha Iid Hanga Iid fudhachuun gara biyyaa dhufan simachuuf qophiin duraa xumuramuu Koreen Qindoomaa dhimmicha raawwachiisuuf hundaa’e ifoomseera.
Lammiileen Ityoophiyaa biyyoota addunyaa garaagaraa keessa jiraatan saganticharratti hirmaachuuf gara biyyaa seenuu eegaluu Duraa taa’aan korichaa Uztaas Abbubakar Ahimadii fi miseensi korichaa Uztaas Kamiil Shamsuun turtii Faanaa Broodkaasting Korporeet waliin taasiisaniin ibsaniiru.
Koreen qindoomaan Ministeera Dhimma Alaa waliin hundaa’e Lammiilee Ityoophiyaa, Dhalattoota fi Michuuwwan Ityoophiyaan waamicha guddaa gara biyyaa Iid Hanga Iid fudhachuun gara biyyaa dhufaniif sagantaawwan garaagaraa qopheessuu himaniiru.
Sagantaaleen lammiilee miidhamaniif deeggarsa walitti qabuu, daawwannaan Turizimii fi Invastimantii adda addaa akkasumas qophiiwwan Ifxaaraa fi Solaataa qophaa’uu kaasaniiru.
Sagantichi boqonnaan lamaan Walakkeessa Iid hanga Xumura Iid Arafaa hordofee kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru.
Tigist Silashiitu gabaase.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment