Intarpiraayizoonni maayikroo fi xixiqqaan dandeettii isaanii akka guddisaniif haalli mijataan ni uumama- obbo Nigusuu Xilaahuun

Finfinnee, Eebila 14, 2014 (FBC) – Intarpiraayizoonni maayikroo fi xixiqqaan dandeettii isaanii akka guddisaniif haalli mijataan kan uumamu ta’uu Ministir Deetaan Ministeera Hojii fi Kalaqaa obbo Nigusuu Xilaahuun ibsan.

Obbo Xilaahuun shammattootaa fi intarpiraayizoota baazaarii magaalaa Finfinnee naannoo Jamoo irratti hirmaatan waliin mari’ataniiru.

Haala mijataa Intarpiraayizoonni maayikroo fi xixiqqaan dandeettii isaanii ittiin guddisan uumuuf qindoominaan kan hojjetamu ta’uu obbo Nigusuun waltajjichaan ibsaniiru.

Hirmaattonni waltajjichaa gamasaaniin, baazaarichaan maamila horachuu fi walitti hidhamiinsa gabaa uummachuu ibsuun, baazaariin yeroo fi bakka bal’aa akkasumas walitti fufiinsa qabu akka qophaa’uu gaafataniiru.

Muuxannoowwan gaarii intarpiraayizoota kanneeniin ka’anii fi baazaaricharraa argame babal’isuu fi gaaffiiwwan ka’an deebisuuf kan hojjetan ta’uu obbo Nigusuun himaniiru.

Qidist Abaataatu gabaase.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment