Ispoortessaan Garramawu Damboobaan boqote

Finfinnee, Guraandhala 16, 2015 (FBC)-Ispoortessaa beekamaan Biskileetaa Garramawu Damboobaa umrii waggaa 90ffaatti du’aan addunyaa kanarraa boqoteera.

Garramawu Damboobaa dhibee mudateen yaalamaa turuun guyyaa kaleessaa boqochuun ibsameera.

Garramawu Damboobaa Ityoophiyaa bakka bu’uun Olompiikii Meelboorni irratti dorgommii Ispoortii Biskileetiin hirmaachuun atileetii jalqabaati.

Garramawuun, dorgomtoota Biskileetii Ityoophiyaan horatte milkaa’aa jedhamuun kan leellifamuudha.

Dorgommiiwwan addaa addaarratti hirmaachuunis Waancaawwan 26 fi meedaaliyaawwan 32 badhaafameera.

Garramawu Danboobaa Muddee 7, 1925 Magaalaa Finfinneetti dhalate.

Sirni awwaalchaa Garramawu Damboobaa boru Bataskaana Birihaane Alam Pheexiroos Waphaawuloositti akka raawwatamuu TOI gabaaseera.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment