Itiyoophiyaan Shaampiyoonaa Qaxxaamura Addunyaarraa sadarkaa 2ffaan xumurte

Finfinnee, Bitootessa 21, 2016 (FBC) –Itiyoophiyaan fiigicha Shaampiyoonaa Qaxxaamura Addunyaa 45ffaa har’a Sarbiyaa Beelgireeditti gaggeeffame sadarkaa 2ffaan xumurteert.

Itiyoophiyaan meedaaliyaa Warqee 2, Meetii 6 fi Nahaasii 2 argachuun Addunyarraa sadarkaa 2ffaan xumurte.

Keeniyaan Warqee 6, Meetii 2 fi Nahaasii 3 argachuun shaampiyoonii ta’uu eerameera.

Yugaandaan Meetii 1, Meetii 1 fi Nahaasii 3 walitti sadarkaa 3ffaan xumurte.

Biriitaaniyaan meedaaliyaa Nahaasii 1 argachuun sadarkaa 4ffaan golobuu eerameera.

Biyyoota addunyaa 51 dorgomicharatti hirmaatan keessaa biyyoota afur qofatu meedaliyaa argate.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment