Ityoophiyaan tokkummaan diingandee fi tumsi naannawaa Baha Afrikaa akka cimu ni hojjetti- Obbo Ahimad Shiidee

Finfinnee, Waxabajjii 19, 2013 (FBC) – Ityoophiyaan tokkummaan diingandee fi tumsi naannawaa Baha Afrikaa akka cimu fedhii jabaa qabaachuu Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen himaniiru.

Obbo Ahimad Ministiroota Maallaqaa Jiibuutii, Keeniyaa, Soomaaliyaa fi Sudaan waliin Iniisheetiivii Baha Afrikaarratti mari’ataniiru.

Dhimmoota daldalaa, Damee humnaa fi Diinagdee Diijitaalarratti mari’achuu isaanii ragaan Ministeera Maallaqarraa argame ni muul’isa.

Waltajjicharratti Daayreektarri Baankii Misooma Baha Afrikaa fi Barreessaa olaanaan Dhaabbata Mootummoota Misoomaa Baha Afrikaa Dooktar Warqinaa Gabayyoo argamuu himameera.

Dameewwan xiyyeeffannoon laatamaniifif kan oolu Doolaarri biiliyoonni 3.3 walitti qabamuu Duraa Taa’aan yeroo Iniisheetiivichaa Ministirri Ministeera Maallaqaa Jiibuutii Ayyaas Muusaa Daawaaleehi ibsaniiru.

Dabalataan Iniisheetivichi dhimmoota dursa laachuun laawwachuuf raggaasiseef Doolaara biiliyoona 15 walitti qabuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment