Jilli Atleetiksii dorgommii Qaxxaamura biyyaa idil Addunyaarratti hirmaachuun sadarkaa 2ffaan xumure Finfinnee gale

Finfinnee, Guraandhala 14, 2015 (FBC) – Jilli Atleetiksii Ityoophiyaa dorgommii Qaxxaamura biyyaa idil Addunyaa 44ffaarratti hirmaachuun sadarkaa 2ffaan xumure Finfinnee galeera.

Dorgommii fiigicha qaxxaamura biyyaa Awustiraaliyaatti gaggeeffameen jilli Atleetiksii Ityoophiyaa meedaaliyaa warqee 2, Meetii 7 fi Naahaasii 1 argachuun Addunyaarraa sadarkaa 2ffaan xumureera.

Jilichi halkan Edaa gara biyyaa deebi’eera.

Jilichi wayita Buufata Xiyyaaraa idil Addunyaa Boolee ga’u simatameera.

Jila kanaaf har’a sa’aatii 4:00 irraa eegalee sirni Badhaasaa fi Beekkamtii laachuu Hoteela Iskaay Laayitiitti kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Federeeshinii Atleetiksii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment