Kaffaltoota gibiraa federaalaa kuma 10 gara sirna taaksii ammayyaatti galchuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Muddee 2, 2012 (FBC) – Kaffaltoota gibiraa federaala kuma 10 gara sirna taaksii ammayyaatti galchuuf hojjetamaa jirachuu Ministeerri Galiiwwanii beeksise.

Ministeerri Galiiwwanii akka beeksisetti hojichi amma ammaatti kaffaltoota gibiraa kuma 4 fi 671 faayiila kallattii intarneetii (‘oon laayin’) galchuu kan danda’udha.

Amma dhuma baatii Muddeetti kaffaltoota gibiraa kuma 10 gara sirna ammayyaa kanatti galchuuf ni hojjetama jedhan ministirri Galiiwwanii aadde Adaanach Abeebeen.

Sirni sassaabbii gibiraa kun yeroo fi baasii kaffaala gibiraa ni qusatas jedhan.

Milkaa’ina sirna kanaatif hoggansi ga’eesaa ba’auchuu qabas jedhan ministirittiin.

Comments (0)
Add Comment