Komishinichii fi Ministeerri Albuudaa fi Boba’aa waliin hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Hagayya 21, 2013 (FBC) – Komishiniin Poolsii Federaalaa fi Ministeerri Albuudaa fi Boba’aa dhimmoota waliin hojjechuuf isaan dandeessisurratti marii gaggeessaniiru.
Maricharratti Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eelii fi Ministirri Ministeer Albuudaa fi Boba’aa Injiinar Taakkalaa Uumaan argamaniiru.
Sharafa alaa damee Albuudarraa argamaa jiru cimsuu fi hanqina adeemsa oomisha isaarratti muudatu furuuf haala dandeessiisurratti waliin hojjechuuf marii taasiisa jiru jedhame.
Hudhaalee oomishtootaa fi gabaa gidduu jiru haala furuun danda’amurratti marii taasiisaniiru.
Eeyyama daldalaa Oomishoota Warqee bifa haaraan qopheessuu fi sirna kallattiin gara Baankii Biyyaalessaa galuu danda’u diriirsuuf hojjetamaa jiraachuu ka’eera.
Hojmaanni isaas baatii baatiin gamaaggamamaa jiraachuu Injiinar Taakkalaan himaniiru.
Naannolee oomishni Albuudaa itti argamu adda baasuun eeggumsi barbaachisu akka taasiifamu Poolisii Federaalaa waliin gara hojiitti galuuf murtaa’uu eeraniiru.
Oomisha qulqullina qabuu fi baay’ina qabu oomishuuf haalli nageenyaa amansiisaa ta’uun murteessaadha jedhan Komishinarri Komishinii Poolisii Federaalaa Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’eel.
Hojiin naannolee Oomisha Albuudaatti nageenya waaraa buusuu cimee kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.
Fireehiyiwat Saffiitu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment