Magaalaa Bishooftuutti ‘Sirni Teessoo Diijitaalaa’ eebbifame

Finfinnee, Guraandhala 14, 2016 (FBC) – Magaalaa Bishooftuutti Diinagdee Diijitaalaa tumsuu fi magaalaa ammayyaa ijaaruuf kan gargaaru ‘Sirni Teessoo Diijitaalaa’ eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta’e.

Ministirri Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Ballaxaa Mollaan Sirna Teessoo Diijitaalawaa kana eebbisuun bulchiinsa magaalaa Bishooftuuf kennaniiru.

Magaalota Itiyoophiyaa 73 keessatti hojiirra oolchuuf hojjetamaa kan jiru sirni teessoo Diijitaalaa kun tajaajila bulchiinsaa, Diinagdee fi hawaasummaa saffisuun majatummaa fi nageenya magaalotaa mirkaneessuun galmoota misooma itti fufaa hojiirra oolchuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsameera.

Sirni teessoo Diijitaalaa kun Inistiityuutii Saayinsii hawaa fi Ji’oospeeshaaliin gabbifamaa jiraachuu ragaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojirraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment