Manni Maree Naannoo Gaambeellaa baajata bara 2014f Birrii biiliyoona 4 raggaasiise

Finfinnee, Adooleessa 21, 2013 (FBC) – Yaa’iin idilee 12ffaa Mana Maree Naannoo Gaambeellaa gaggeeffamaa ture baajata bara 2014f Birrii biiliyoona 4 raggaasiisuu fi murtoowwaan garaagaraa dabarsuun xumurameera.

Birrii biiliyonni 1 fi miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 67 galii naannicharraa argamuun kan uwwifamu yoo ta’u, kan hafe deeggarsa mootummaa Federaalaa fi deeggarsaa fi liqii alaa argamuun kan uwwifamu ta’uu ibsameera.

Baajanni bara kana ragga’e Birrii miiliyoona dhibba 6 fi miiliyoona 57 kan bara darbeerra caalmaa qaba jedhame.

Maddi:- TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment