Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 163 olii to’atame

Finfinnee, Bitootessa 27, 2015(FBC)- Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 163 olitti shallagamu to’atamuu ibsame.

Komishiniin Gumruukaa Bitootessa 15-21, 2015’tti hordoffii taasiseen meeshaaleen kontiroobaandii alaa galan Birrii miiliyoona 109.8 fi meeshaaleen al-ergii Birrii miiliyoona 52.5’tti tilmaamaman dameelee gumruukaa garaagaraatti to’atamuu eerameera.

Meeshaaleen kunneenis uffata, boba’aa, beelladoota, meeshaalee elektirooniksii, buna, qorichoota, konkolaattota, meeshaalee miidhaginaa, meeshaalee waraanaa, jimaa, baala sammuu nama hadoochu, zayita nyaataa fi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu ragaan Komishinii Gumruukaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment