Meeshaleen kontirobaandii Birri miiliyoona 95 olitti tilmaamau to’atame

Finfinnee, Waxabajjii 1, 2015 (FBC)- Meeshaaleen kontirobaandii Birrii miiliyoona 95 olitti tilmaamamuu konkolaataa waliin to’achuu Poolisiin Federaalaa beeksise.

Meeshaaleen kunneen hordoffii fi sakatta’iinsa Qajeelchi Waliigalaa Qorannoo Yakkaa Poolisii Federaalaa fi Tajaajilli Nageenyaa Odeeffannoo waliin ta’uun taasisaaniin ta’uun ibsameera.

Meeshaaleen kontirobaandii kunneen uffanaa boondaa, qorichaalee, tamboo fi meeshaa shiishaa arsuuf gargaaran akkasumas bilbila moobayilaa fi baatirii moobaayilii ta’uun ibsameera.

Konkolaattoonni meeshalee kontirobaandii fe’an Jibuutii fi Mooyaaleerraa ka’uun, Finfinnee galuuf wayita imalarra jiranitti keellaa Karra Jimmaa fi Keellaa Caaffoo Dirree Dhawaa irratti sakatta’iinsa cimaa taasifameen to’atamuun eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment