Misaa’elli Haaraan Raashiyaa diinoota ishee yaaddoo keessa kan galchuudha – Preezdaant Putiin

Finfinnee, Eebila 13, 2014 (FBC) – Raashiyaan Yaalii Misaa’ela Haaraa milkiin taasisuun diinoota ishee yaaddoo keessa kan galchu ta’uu Preezdaantiin biyyattii Vilaadmiir Putiin eeraniiru.
Raashiyaan Yaalii Misaa’ela Baalaastikaa Ardii Qaxxaamuru Daarmaat jedhamu milkiin taasiisuu Ejansiin Qorannoo Hawaa biyyattii beeksiseera.
Yaalii Misaa’elichaa booda Teeleeviizhinii biyyattiin haasawa kan taasiisan Preezdaant Putiin, Ejansii Qorannoo Hawaan baga gammaddan jedhaniiru.
Proojektiin kun diinoonni Mooskoo yeroo lama akka yaadda’an kan taasiisu ta’u ibsaniiru.
Misaa’elli kun dandeettii waraanaa Raashiyaa kan cimsuu fi nageenya biyyattii caalmaatti haala amansiisaan ta’een kan mirkaneessu ta’uu dubbataniiru.
Misaa’elli Baalaastikaa Ardii Qaxxaamuru Daarmaat jedhamu kun fuulleffannaa Ardii kamiiyyuurratti argamu rukutuu kan danda’uudha jedhame.
Misaa’elichi Kaaba Lixa Raashiyaarra furgugsamuun Baha Raashiyaa lafa caffawoo Kaamchaakaa jedhamutti fuulleffannoo isaa dhahuu Al Jazeeran gabaaseera.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment