Obbo Dammaqaan kabaja Ayyaana Adwaa 125ffaa Kaampaalaatti gaggeeffameerratti intarneetiin hirmaatan

Finfinnee, Gurraandhala 18, 2013 (FBC) -Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin kabaja Ayyaana Adwaa 125ffaa Imbaasiin Ityoophiyaa Kaampaalaa qopheesserratti intarneetiin hirmaataniiru.
Marii paanaalii mata duree ‘Adwaa fi Paan Afrikaaniiziimii’ jedhuun Kaampaalaatti Imbaasiin Ityoophiyaa Yuunvarsiitii Maakaaraaree waliin ta’uun qopheessanirratti obbo Dammaqaan Intarneetiin hirmaataniiru.
Maricharratti Ministirri Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii Dooktar Hiruut Kaasaw hirmaachuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment