Oomishaaleen Qonnaa fi Indaastirii gatii madaallawaan hawaasaaf akka dhiyaatan hojjetamaa jira -BDO

Finfinnee, Bitootessa 29, 2015 (FBC) –Ayyaanoota torbee itti aanaan kabajamaniin walqabatee hanqinni dhiyeessii oomishaalee akka hin mudanne xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Biiroon Daldalaa Oromiyaa beeksise.

Ayyaana Du’aa Ka’uu Iyyasuus Kiristoos Eebla 8, 2015 fi Iid Al Faxir torbee lamaan booda kabajamuun walqabatee daballiin gatii seeraan alaa fi hanqinni dhiyeessii oomishaalee garaagaraa akka hin mudanne xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Daldalaa Oromiyaa Obbo Jambaruu Abbabaan Faanaa Biroodkaastiingi Korporeetiif himaniiru.

Haaluma kanaan Midhaan akaakuun garaagaraa Tooniin kumni 137 fi 460, Kudaraalee fi Muduraalee Tooniin miiliyoonni 1 fi kumni 570, Zayitni nyaataa liitirri miiliyoonni 4 fi kumni 560, Sukkaarri Kuntaalli Kumni 45 hawaasaaf dhiyaachuuf adeemsarra jiraachuu Obbo Jambaruun ibsaniiru.

Akka Oromiyaatti hanqinni Oomishaalee fi hanqinni dhiyeessii hin jiru jedhan.

Biirichi oomishaaleen Qonnaa fi Indaastirii gatii madaallawaan hawaasaaf akka dhiyaatu hordoffii fi to’annoo cimaa taasiisaa jiraachuu dubbataniiru.

Daldaltoota daballii gatii seeraan alaa taasiisan to’achuuf qindoominaan hojjetamaa jirachuu ibsaniiru.

Manneen Kuusaa seeraan ala daballii gatii taasiisanii fi midhaan seeraan ala kuusanii argaman 40 ol irratti tarkaanfiin fudhatamuu himaniiru.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment