Oromiyaa fi magaalaa Finfinneetti koreen waloo tasgabbii gabaarratti hojjetu hundaa’e

Finfinnee, Hagayya 21, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaa fi magaalaa Finfinneetti koreen waloo shiraa fi seera maleessuummaa diinagdeerratti muul’atu hordofuu fi Ittisu hundaa’uu ibsameera.

Daldaltoonni garee shororkeessaa ABUT waliin hidha qabanii fi faayidaan isaanii jalaa tuqame tokko tokko daballi gatii hin malle taasiisuu fi  oomisha seeran ala kuusuun qaala’iinsa jireenyaa  uumaa jiraachuu hogganan Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinnee obbo Abduulfattaa Yeesuuf ibsaniiru.

Shirrii fi gochaan seeraan alaa qaamolee kanneenii dhiibbaa biyyaa ta’uu waan danda’uuf  tarkaanfiin yeroo isaa eeggate  fudhatamuu akka danda’uuf Bulchiinsi magaalaa Finfinnee fi Naannoo Oromiyaa koree waloo dhimmicharratti hojjetu hundeessuu kaasaniiru.

Haala waqtaawaa yeroo ammaa biyyi keessa jiru tilmaama keessa galchuun  tokkummaa fi waloon hojjechuun kan barbaachisu ta’uu Hogganaan Biiroo Daldalaa naannoo Oromiyaa obbo Daangee Birruu eeraniiru.

Koreen waloo kun dhimmoota murteessoo ta’anirratti kan waliin hojjetu ta’uu himaniiru.

Keessattuu sakattoo Kuusawwanii, Dhiyeessii Oomishaa, olaantummaa seeraa kabachiisuu fi nagahee galiirratti xiyyeeffachuun kan hojjetamu ta’uu dubbachuu isanaii ragaan Biiroo Daldalaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

 

Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

 

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

 

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

 

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment