Piriimaayeer Liigii Ingilaandi torbee 30ffaan taphni Maanchiister Siitii fi Arsenaal gidduutti taphatamu hawwiin eegama

Finfinnee, Bitootessa 21, 2016 (FBC) – Taphoota Piriimaayeer Liigii Ingilaandi torbee 30ffaan taphni Maanchiister Siitii fi Arsenaal, Liivarpuulii fi Biraayitan gidduutti taphatamu hawwiin eegama.

Taphoonni Piriimaayer Liigii Ingilaandi torbee 30ffaan tapha har’a waaree boodaa sa’aatii 9:30 eegalee Niwuukaastiil Weest Haam keessummeessuun eegalama.

Galgala sa’aatii 12:00 irraa jalqabee Boornimaawuz Eevartan, Cheelsiin Barnileey, Nootiingihaam Forest Kiristaal Paalaas,Sheefiild Fuulhaam,Tootenihaam Luutan Taawwon waliin yoo falmatan, sa’aatii 2:30 jalqabee Astoon Viillaan Woolvis keessummeessa.

Halkan sa’aatii 5:00 irraa jalqabee Bireentifoord Maanchiister Yuunaayitiid waliin falmiin taasiisu ni eegama.

Boru waaree booda sa’aatii 11:00 irraa jalqabee Liivarpuul Biraayitan waliin yoo taphatu, sa’aatii 1:30 irraa eegalee taphni Maanchiister Siitiin Arsenaal keessummeessu hawwiin eegama.

Siitiin bara dorgommii kana kilaboota gabatee Piriimeer Liigichaan sadarkaa hanga 5ffaa jiran waliin taphatee hanga yoonaa hin injifanne.

Arsenaal ammoo kilaba baay’ee galchii xinnoon itti galee fi. taphoota liigichaa saddeet darban mo’achuu danda’eedha.

Maanchiister Siitii fi Arsenaal bara Faranjootaa 1995 eegalee yeroo 60 waliin kan taphatan yoo ta’uu, Siitiin si’a 25 injifateera.

Arsenaal si’a 26 yoo injifatu, yeroo 9 qixaan xumuraniiru.

Siitiin galchiiwwan 90 Arsenaalirratti yoo galchu, Arsenaal galchii 84 Siitiirratti lakkoofsiseera.

Arsenaal qabxii 64 liigicha dursaa jira.

Liivarpuul qabxii walfakkaatuun galchiin caalamee sadarkaa 2ffaa fi Maanchiister Siitiin qabxii 63 sadarkaa 3ffaa qabateera.

Maddi:-BBC Sport

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment