Piriimeer Liigii Ingilaandiin taphni har’a Biraayitanii fi Maanchiister Siitii gidduutti taasiifamu hawwiin eegama

Finfinnee, Ebla 17, 2016 (FBC) – Piriimeer Liigii Ingilaandiin taphni har’a galgala sa’aatii 4:00 irraa jalqabee Biraayitanii fi Maanchiister Siitii gidduutti taphatamu hawwiin eegamaa jira.
Kilaboonni lamaan erga bara Faranjootaa 2008 as yeroo 15 waliin taphatan keessaa Maanchiister Siitii si’a 12 yoo injifatu, Biraayitan yeroo 1 qofa injifate.
Yeroo 2 ammoo qabxii qoodataniiru.
Taphoota kanaan Siitiin galchiiwwan 39 yoo lakkoofsisu, Biraayitan galchii 11 Maanchiister Siitirratti galcheera.
Siitiin taphoota qixxeessituu 2 osoo qabuu qabxii 73 sadarkaa 3ffaarratti argama.
Comments (0)
Add Comment