Sadaasa keessa Gabaan Oomisha Ityoophiyaa oomishaalee Birrii biiliyoona 2.8 walbichisiisera

Finfinnee, Muddee 2, 2012 (FBC) – Sadaasa keessa Gabaan Oomisha Ityoophiyaa oomishaalee Birrii biiliyoona 2.8 walbichisiisera.

Dhaabbatichi oomishaalee toonii 60,825 walbichisiisera.

Gabaan Oomisha Ityoophiyaa ibsa nuuf ergeen akka beeksisetti, Sadaasa keessa bunni ammeentaa gabaa %36, %50 gatii gabaa galmeessiseera.

Gabaan baatii Sadaasaa kan baatii isa duraarra daballii %3.7 agarsiisera.

Maashoo magariisaa tooniin 5,428 Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 27 walbichisiifameera.

Sadaasa 1,2012 eegalee nuugiin dhaabbatichaan oomisha 10ffaa ta’uun bifa ammayyaatin walbichisiifameera.

Finfinnee Saariis, Buree, Naqamtee, Goondar, Kombolchaa, Asoosaa fi Paawwiin dameewwan dhiyeessii nuugiti.

Comments (0)
Add Comment