Shaampiyoonaan Atileetiksii Qaxxaamura Biyyaa idil addunyaa 45ffaan har’a ni gaggeeffama

Finfinnee, Bitootessa 21, 2016 (FBC) – Shaampiyoonaan Atileetiksii Qaxxaamuraa Biyyaa Idil Addunyaa 45ffaan har’a Sarbiyaa magaalaa Beelgireeditti gaggeeffama.

Atileetoonni biyyoota addunyaa 51 irraa walitti babba’an Shaampiyoonaa kanarratti ni hirmaatu jedhame.

Har’a waaree booda sa’aatii 8:45 irraa jalqabee fiigichi dubartootaa meetira kuma 10 kan gaggeeffamu yoo ta’uu, Atileet Girmaawiit Gabra’igzihaabeheer, Taddalachi Baqqalaa, Mabriit Giday, Masarat Goollaa, Baqqalachi Takkuu fi Burtukaan Waldee Itiyoophiyaa bakka bu’uun atileetoota hirmaataniidha.

Fiigichi meetira kuma 10 dhiirootaa sa’aatii 9:30 irraa jalqabee kan fiigamu yoo ta’uu, Atileet Barrihuun Aragaawii, Cimdeessaa Dabalee, Bokii Dirribaa, Geetaachoo Maasarashaa, Taaddasaa Warquu fi Birhaanuu Tsagguun irratti hirmaatu jedhame.

Guyyaa sa’aatii 6:35 irraa eegalee fiigichi dargaggootaa meetira kuma 8 kan gaggeeffamu yoo ta’u, Atileet Abeel Baqqalaa, Sawumahuun Aantanahi, Yismaaw Diluu, Hagos Iyyoob,Mazgabuu Simee fi Janbaruu Sisaay Itiyoophiyaa bakka bu’uun ni dorgomu.

Fiigicha walmakaa biyyoota 12 qofa hirmaachisuun ammoo Hagos Gabrahiyiwat, Tarreessaa Tolasaa, akkasumas dubartootaan Atileet Hiyiwaat Mahaarii fi Bi’iirii Abarraa ni hirmaatu jedhameera.

Warqinahi Gaashahuuntu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment