Sibiilli seeraan ala kuufamee argame gabaaf akka dhiyaatu murtaa’e

Finfinnee, Hagayya 21, 2013 (FBC) – Sibiilli seeraan ala iddoolee garaagaraatti kuufamee argame karaa seera qabeessan gabaaf akka dhiyaatu murtaa’uu ibsameera.
Sibiiloonni kunneen seeraan gurguramuun mootummaaf galii akka ta’uu murtaa’eera.
Sibiilli iddoolee 13tti seerana ala kuufamee argamuun Koree Tasgabbii Gabaa harka jiru gurgurtaa seeraa keessa galuun gurguramee galiin isaa mootummaaf akka galu murtaa’uu ragaan Ministeera Daldalaa fi Indaastiriirraa argame ni muul’isa.
Sibiilli Konkolaattoota kuma 1 ol ta’u Koree Tasgabbii Gabaa harka jiraachuu himameera.
keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment