Sirreeffamtoonni seeraa Naannoo Hararii miliquuf yaali taasisaan to’ataman

Finfinnee, Bitootessa 27, 2012 (FBC) – Sirreeffamtoonni seeraa Naannoo Hararii miliquuf yaali taasisaan to’ataman.

Sirreeffamtoonni seeraa Naannoo Hararii miliquuf yaali taasisaan to’atamuu Komishinaar Alamtsahaay Taaddasaa beeksisaan.

Sirreeffamtoonni seeraa mana amala sirreessaa naannichaatti argamu har’a ganama naannoo sa’aatii 2:00 mana amala sirreessa keessatti hokkara kaasuun balbala cabsanii bahuuf yaalii taasisuun isaanii ibsaniiru.

Haata’uti, carraaqqii miseensoonni komishinii mana amala sirreessichaa taasisaani otuu hin milkaa’iin hafeera.

Yaaliin miliquu erga fashalaa’ee booddee sakata’iinsa taasifameen bilbila sochootuu 180 fi kaardiiwwan bilbila hedduun to’atameera jedhan.

Yaalicha eenyu akka qindeesse qoratamaa jiraachu ibsaniiru.

Tashoomaa Hayluutu gabaase.

Comments (0)
Add Comment