Turkiin konkolaataa elektirikii modela 2ffaa ifoomsite

Finfinnee, Amajjii 1, 2016 (FBC)- Oomishaan Konkolaataa Turkii ‘Tog’ jedhamu konkolaataa elektirikii modela 2ffaa ifoomse.

Konkolaataan biyya ishee keessatti omishame kun moggaasni “T10F” jedhamu kan kennameef yoo ta’u 2024 Agarsiisaa Teeknooloojii Idil Addunyaa Laas Veegaas Ameerikaatti gaggeeffamurratti ni dhiyaata jedhameera.

Hoji Raawwachiisaan Dhaabbata Tog Maahaammat Gurkaan Karaakaas, konkolaataan elektirikii moodela 2ffaa kun dhaabbatichaaf boqonnaa haaraa kan banu ta’uu ibsan.

Konkolaataa kana oomishuuf waggoota shanii fi walakkaa ol kan fudhate yoo ta’u, kana booda lammiileen Turkii konkolaataa biyya isaanii keessatti oomishame konkolaachisu jedhan.

Dhaabbanni Tog fedhii biyyaa keessaa guutuu bira darbee waggaatti konkolaattoota Turkii kuma 200 ol gabaa alaatti dhiyeessuuf karoorfamuu eereera.

Bara 2030’ttis konkolaattota miiliyoona 1 ol gabaa Awurooppaaf kan dhiyeessu ta’uun eerameera.

Dhaabbatichi Konkolaataa elektirikii moodela jalqabaa bara 2019 kan ifoomse ta’uu TRT’n gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment