Uummata Oromoo fi Sidaamaa Walitti buusuuf yaaluun hin milkaa’u- Obbo Alamaayyoo Ximootiwoos

Finfinnee, Caamsaa 23, 2014 (FBC) – Tattaaffiin Uummata Oromoo fi Sidaamaa Walitti buusuuf taasiifamu hin milkaa’u jedhan Itti gaaftaaman Biiroo Bulchiinsaaf Nageenyaa Naannoo Sidaamaa Obbo Alamaayyoo Ximootiwoos.
Konfiraansiin nageenyaa ummataa Oromoofi Sidaamaa Magaalaa Hawaasaatti gaggeffamaa jira.
Tokkummaa Uummataa Oromoo fi Sidaamaa Uumamaan duudhaa waliin jireenyaan kan walitti hidhamedha kan jedhan Obbo Alamaayyoon, walitti bu’iinsi aanaalee naannawaa daangaa jiranitti mudatu, waliigaltee dhabuu fedhii uumamaati malee waldhabdee ummatoota lameenii kan mul’isu miti jedhaniiru.
Naannoon Sidaamaa Naannoo Oromiyaa waliin daangaa %90 kan waliin qooddatu ta’uu kaasanii, ummanni kun walitti bu’ee kan hin beekne fi rakkooleen naannawaa daangaatti mudatanis bilchinaan ilaaluun barbaachisa jedhaniiru.
Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Biiroo Bulchiinsaaf Nageenyaa Oromiyaa Obbo Haayilee Gurmeessaa, Uumamaan obbolaaniyyuu walitti bu’a; walitti bu’iinsi naannawaa daangaatti deddeebi’ee mul’atus, muuxannoo walitti bu’iinsa hiikuu maanguddoota biyyattiin rakkoolee hedduun hiikamaniiru jedhan.
Ta’us ,naannawaa daangaatti, rakkooleen mudatan sababa godhachuun qaamolee ummatoota lameen walitti buusuuf yaalan irratti hawaasni dammaquudhaan rakkoolee mudatan utuu yeroo itti hin kenniin nagaa buusaa adeemuun malee karaa ta’uu hin qaban jedhaniiru.
Bulchaan Godinaa Arsii Lixaa Obbo Ahimad Haajii, ka’umsi walitti bu’iinsa, daangaa dhiibuu, lafaa margaa fi walitti bu’iinsa namoota dhuunfaa birooti jedhaniiru.
Uummanni Oromoo fi Sidaamaa naannawaa daangaatti walitti bu’iinsa hammaataa keessa hinseenu jedhaniiru.
“Gaaleen qallatte cituun hin ooltu” waan ta’eefis abbootiin rakkoolee xixiqqoo akkanaa dursanii dhabamsiisuu qabu jedhaniiru.
Dhiyeenya Godina Arsii Lixaa fi Naannoo Sidaamaa gidduutti rakkoon mudatee ture furamuu fi qaamolee rakkicha babal’isuuf tattaafatan itti gaafatama seeraa jala jiru jedhaniiru.
Xilaahuun Yilmaatu Gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment