Waggaa 29ffaan duguggaa sanyii lammiilee Ruwaadaa yaadatame

Finfinnee, Bitootessa 29, 2015 (FBC)- Waggaa 29ffaan duguggaa sanyii lammiilee Ruwaandaarratti raawwatame yaadatame.

Sirna yaadannoo Galma Gamtaa Afrikaatti gaggeeffamerratti Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo hirmaataniiru.

Ambaasaadar Burtukaan waltajjicharratti haasawaa, taasisaniin seenaa keessatti gochaan duguggaa sanyii lammiilee Ruwaandaa miiliyoona 1tti dhiyaataanirratti raawwatame gaddisiisaa ta’uu fi yakkoota akkanaa Afrikaa fi bakkoota birootti akka hinraawwatamne ittisuun gahee waloo hunda keenyaati jedhaniiru.

Dabalataanis, Ityoophiyaan, Gamtaa Afrikaa, hawaasa idil addunyaa fi qooda fudhattoota biroo waliin ta’uun gochaalee dugguugaa sanyii ittisuuf kutannoo qabaachuu dubbataniiru.

Dura Taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Muusaa Faakii Maahaammat gama isaaniin sagantichi tokkummaa lammiilee ruwaandaatti argisiisuufi nagaa fi tasgabbii Ardii Afrikaa mirkaneessuu qabna jedhaniiru.

Ityoophiyaatti Ambaasaddarri Ruwaandaa Hooppi Tamakundee Gasaturaa hirmaattota saganticha galateeffchuun, hunduu seenaa Ruwaandaa darberraa barachuu qaba jedhaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment