Walitti hidhamiinsa gabaa Paarkiiwwan Indaastirii Uumanirraa qonnaan bultoonni kumni 300 ol fayyadamoo ta’an

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2015 (FBC) –Walitti hidhamiinsaa gabaa Paarkiiwwan Indaastirii guutuu biyyattii keessatti argaman Uumanirraa qonnaan bultoonni kumni 300 ol fayyadamoo ta’uu Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indaastirii beeksise.

Godina Jimmaatti Qonnaan Bultoonni kumni 15 ol Paarkii Indaastirii Avookaadorraa Zayita Oomishuuf oomisha Avookaadoo dhiyeessaa jiraachuu Itti gaafatamaan Qajeelcha Kominikeeshinii fi Maarkeetiingi Korporeeshinichaa Obbo Zaman Junaddiin ibsaniiru.

Paarkiin Indaastirii Boolee Lammii fi Dabra Birihaanis qonnaan bultoota Garbuu Biiraa oomishan kuma 280 oliif walitti hidhamiinsa gabaa uumuu eeraniiru.

Wayita ammaa Paarkiiwwan Indaastirii 11 guutuumaan guutuutti hojiirratti kan argaman ta’uu ragaan Korporeeshinicharra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment