Zayinni nyaataa Liitirri miiliyoonnii 62 gabaaf dhiyaachuuf qophii ta’e – Ministeera Daldalaa fi Indaastiri

Finfinnee, Qaammee 2, 2013 (FBC) – Qaala’iinsa Gabaa muudatee hir’isuuf Zayinni nyaataa qulqullinaa isaa eeggatee liitirri miiliyoonni 62 gabaaf dhiyaachuuf qophii ta’uu Ministeerri Daldalaa fi Indaastirii beeksiiseera.
Rakkoo Dhiyyeessiifi raabsa zayitii nyaataa waliin walaqabatee jiru furuuf oomishtootaa indaastirii zayitii nyaataa biyyaa keessaa fi alaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuu himameera.
Yeroo ammaa kanaa Zayitni nyaataa liitirri miiliyoonni 36.5 biyya alaarraa galaa jiraachuu Daayreektarri Dhimmoota Komunikeeshinii Ministeera Daldalaa fi Indaastirii aadde Ababaa Tammanee ibsaniiru.
Liitirri miiliyoonni 25.5 ammoo oomishtoota Indaastirii Zayitii biyya keessaan kan uwwifamu ta’uu himaniiru.
Zayinni kun karaa haqa qabeessa ta’een gama waldaalee shamattootaan hawaasaaf kan raabsamu ta’uu dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Daldalaa fi Indaastiriirraa argame ni muul’isa.
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment