Ayyaana Faasikaa sababbeeffachuun har’a halkan sa’aatii 9tti madfiin ni dhukaafama

Finfinnee, Eebila 23, 2013 (FBC)- Ayyaana Faasikaa sababbeeffachuun har’a halkan sa’aatii 9tti madfiin akka dhukaafamuu Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa beeksiseera.

Jala bultii ayyaana Faasikaa sababeeffachuun halkan keessaa sa’aatii 9tti yeroo sagaliif madfiin akka dhufaakamu ibsameera.

Dabalataanis guyyaa injifannoo gootota sababeeffachuun Eebila 27, 2013 barii sa’aatii 12rratti yeroo 21 madfiin akka dhuufakamuu ministeerichi ibseera.

Akka gabaasa EBCtti hawaasni kana beekee akka hin rifannee fi qaamoleen nageenyaa tumsa barbaachisaa akka taasisaan ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Comments (0)
Add Comment