Baankichi namoonni dhuunfaan maallaqa isaanii hin taane gara dhaabbilee Tapha Jirraatti dabarsan akka iyyatan hubachiise

Finfinnee, Bitootessa 21, 2016 (FBC) – Baankiin Daldala Itiyoophiyaa rakkoo Siistamaa mudatee ture fayyadamuun namoonni dhuunfaan maallaqa isaanii hin taane gara dhaabbilee Tapha Jirraa/ Beetiingitti dabarsan akka iyyatan hubachiiseera.

Namoonni kunneen qaamaan Baankii Daldala Itiyoophiyaatti argamuun guca kanaaf qophaa’erratti guutuun akka iyyatan yaadachiiseera.

Rakkoo Siistamaa Bitootessa 6, 2016 mudate hordofee namoonni maallaqa qabeenya isaanii hin taane fudhatan deebisaa jiraachuu baankichi beeksiseera.

Yaa ta’uutii namoonni maallaqa kana gara Dhaabbilee Tapha Jirraatti dabarsanii turan maallaqicha deebisuuf rakkachaa jiraachuu ibseera.

Kanneen gara Dhaabbilee kannneenitti maallaqa dabarsan Maallaqa kana deebisuuf akka danda’amu Baankii Daldala Itiyoophiyaa dhiyeenya isaanitti argamutti qaamaan dhiyaachuun guca qophaa’een akka iyyatan hubachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment