Baankiin Zaman Gamoo Waajjira Muummee Birrii biiliyoona 1.5 ijaarsise eebbisiise

Finfinnee, Caamsaa 19, 2015(FBC)- Baankiin Zaman Gamoo Waajjira Muummee isaa baasii Birrii biiliyoona 1.5’n ijaarsise eebbisiiseera.

Sirna eebbicharratti Bulchaa Baankii Biyyaleessaa Obbo Maammoo Mihiratuu fi Duraa Taa’aa Boordii Baankii Zaman Obbo Ermiyaas Isheetuu dabalatee hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa biroon argamaniiru.

Baankichi bara bajata 2021/22 bu’aa Birrii biiliyoona 2.1 argachuun,qabeenyi waliigalaa isaa Birrii biiliyoona 40 gahuu Obbo Ermiyaas Isheetuu ibsaniiru.

Gamoon baankiichi guyyaa har’aa eebbisiise abbaa darbii 36 yoo ta’u, baasii Birrii biiliyoona 1.5n ijaaramuun ibsameera.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment