Dhaabbileen kaappitaala Birrii biiliyoona 3 ol galmeessisan Indaastirii Faarmaasiiyuutikaalirratti hirmaachuuf waliigaltee mallatteessan

Finfinnee, Eebla 30, 2015 (FBC) – Dhaabbileen biyya keessaa kaappitaala Birrii biiliyoona 3 ol galmeessisan damee Indaastirii Faarmaasiiyuutikaalirratti bobba’uuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Korporeeshiniin Misooma Paarkii Indaastirii Paarkii, Indaastirii Qileenxootti hojii Invastimantiirratti bobba’auuf dhaabbilee biyya keessaa 5 Kaappitaala Birrii biiliyoona 3 ol galmeessisan waliin waliigaltee mallatteesseera.

Dhaabbileen biyya keessaa damee Indaastirii qorichaarratti hirmaachuun uwwisa fayyaa biyyaa dabaluu qofa osoo hin taane, sharafa alaa damee kanarratti bahu hambisuuf gahee olaanaa qabaachuu Hojii Raawwachiisaa olaanaan Korporeeshinii Misooma Paarkii Indaastirii Akliluu Taaddasaan ibsaniiru.

Dhaabbileen kunneen wayita gara hojiitti galan Qorichaalee fi galteewwan yaala Fayyaa oomishuun gabaa biyya keessaaf kan dhiyeessan yoo ta’uu, lammiilee kuma 1 fi 500 oliif carraa hojii dhaabbii fi yeroo kan uumu ta’uu ragaan Korporeeshicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment