Itiyoophiyaan waggoottaan shanan itti aanan biyyoota addunyaa guddina diinagdee saffisaa galmeessuu danda’an keessa tokko ta’uu ibsame

Finfinnee, Ebla 28, 2016 (FBC) – Itiyoophiyaan bara Faranjootaa 2024 – 2029tti biyyoota addunyaa guddina diinagdee saffisaa galmeessuu danda’an keessa tokko ta’uu Dhaabbanni Fandii Maallaqa Idil Addunyaa ifoomse.

Dhaabbanni Carraalee Invastimantii biyyoota Addunyaa beeksiisu Viizhuwaal Kaappitaalisti ragaa IMF wabeeffaachuun tarree biyyoota bara Faranjootaa 2024 – 2029tti walitti hidhamiinsa gabaa saffisaa qabatanii ifoomseera.

Gaanaa, Moozaambik, Ruwaandaa fi Baangilaadeesh biyyoota sadarkaa 1ffaa hanga 4ffaa qabatan yoo ta’an, Itiyoophiyaan sadarkaa 5ffaa qabatteetti.

Niijer, Ugaandaa, Hind, Veetanaam fi Seeneegaal sadarkaa hanga 10ffaa jiru qabataniiru.

Biyyoonni eeraman kunneen kuufama qabeenyaa qabaniin waggoota shanan itti aanu guddina diinagdee dachaa guddachuu kan danda’an ta’uu dhaabbatichi himeera.

Biyyoota walitti hidhamiinsi gabaa sadarkaa olaanaa uumuun diinagdee isaanii guddisuu qofa osoo hin taane, qalbii abbootii qabeenyaa sadarkaa olaanaan hawwachuun jijjiirama jabaa galmeessuu danda’an ta’uu eereera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment