Jimmaatti sagantaa sosochii carraa hojii uumuu gaggeeffameen dargaggoonni hojii dhabeeyyiin kuma 4 ol hojiitti galfaman

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2015 (FBC) – Magaalaa Jimmaatti sagantaa sosochii carraa hojii uumuutiin waldaalee hojiiwwan garaagaraa irratti gurmaa’anii turan hojii dhabeeyyiin kumni 4 fi 180 guyyaa har’aa hojiitti galfamaniiru.

Sadarkaa Ittaanaa Pireezdaantiitti qindeessaan kilaastara Magaalota Oromiyaa Obbo Masfin Malaakuu, Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuu Oromiyaa Obbo Maatiyoos Sabbooqaafi kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Najiib Abbaa Raayyaa sheediiwwan, kilaastara dammaa, meeshaalee hojiif barbaachisuufi iddoo hojii hojii dhabdootaaf dabarsuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment