Koollejjootni Barnoota Leenjii teeknikaafi ogummaa 26 barattoota ogummaa garagaraatiin leenjisaa turan eebbisiisan

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2015 (FBC) – Koollejjootni Barnoota Leenjii teeknikaafi ogummaa 26 barattoota ogummaa garagaraan leenjisaa turan kuma 3fi 508 eebbisiisaniiru.

Koollejjootni magaalaa Jimmaafi aanaalee godina Jimmaa keessatti barattoota leenjisaa turan eebbisiisaniiru.

Kantiibaan magaalaa Jimmaa obbo Najiib Abbaa Raayyaan, barattootni eebbifaman kallattiin gara hojiitti akka seenam dubbataniiru.

Bulchaan godina Jimmaa obbo Tijjaanii Naasir gama isaaniitiin dargaggootni ijaarsaaf misooma biyyaa keessatti iddoo gudaa waan qabaniif barattoota BLTO irraa eebbifamaniif xiyyeeffannoon kennamee hojjatamaa jiraachuu himaniiru.

Hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuufi Ogumaa Oromiyaa Obbo Maatiyoos Sabbooqaa bara kana akka naannoo Oromiyaattii barattootni gosa ogummaa 29n leenji’an kan eebifaman ta’uu himaniiru.

Muktaar Xahaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment