Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 161 olitti tilmaamaman to’ataman

Finfinnee, Caamsaa 22, 2015 (FBC) – Caamsaa 11- 17, 2015 Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 161 olitti tilmaamaman to’atamuu Komishiniin Gumrukaa beeksiise.

Meeshaaleen karaa seeraan alaa gara biyya keessaa galuuf turan Birrii miiliyoona 92.5 baasanii fi alatti ba’uuf turan Birrii miiliyoona 68.7tti tilmaamamaan dameewwan Gumrukaa garaagaraatti to’atamuu ibseera.

Uffataaleen, Boba’aa, Beelladoota, Meeshaaleen Elektirooniksii, Bunni, Qorichaaleen, Konkolaattoonni, Jimaa, Zayinni Nyaataa, Baalli Sammuu Adoochuu, meeshaaleen waraanaa fi faayaa hedduun to’atamuu isaanii ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment