Obbo Ashaadilii Hasan sagantaa Ashaaraa Magariisaa boqonnaa 2ffaa eegalchiisan

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2015 (FBC) – Pireezidaantiin Naannoo Beenishaanguul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan sagantaa Ashaaraa Magariisaa boqonnaa 2ffaa eegalchiisaniiru.

Sagantaa mata duree ‘Egeree keenya har’a haa dhaabnu’ jedhuun gaggeeffame kanarratti hoggantoonni mootummaa Federaalaa, Naannoolee fi keessummoonni waamichi taasiifameef argamaniiru.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa boqonnaa 2ffaa kanaan naannichatti biqiltuuwwan akaakuu adda addaa miiliyoonni 55 ol kan dhaabatan ta’uu Obbo Ashaadiliin himaniiru.

Biqiltuuwwan boqonnaa kanaan dhaabatan keessaa % 70 faayidaa diinagdee kan qaban ta’uu Hogganaan Biiroo Qonnaa naannichaa ibsaniiru.

Hojiin tola ooltummaa dargaggoonni miiliyoonni 8 irratti hirmaatan har’a naannichaatti eegalamuu ragan Biiroo Kominiikeeshinii naannichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment