Qabeenya dhaabbilee deeggartootarraa argame lammiilee sababa walitti bu’iinsaan miidhaman deebisanii dhaabuuf hojmaanni hirmaachisaa ta’e hojiirra oolaa jira – Aadde Samariitaa

Finfinnee, Caamsaa 24, 2015 (FBC) – Ministeerri Maallaqaa dhiyeessa tajaajila bu’uuraa irratti qooda fudhattoota waliin gamaaggama gaggeessaa jiraachuu eerameera.

Ministeerichi deeggartoota misoomaa, Federaalaa, Naannolee fi bulchiinsa magaalootaa waliin Hoteela Hiiltonitti gamaaggama gaggeessaa jira jedhame.

Waltajjii gamaaggamaa kanarratti kan argaman Ministir Deetaan Ministeera Maallaqaa Aadde Samaariitaa Sawaasawu, mootummaan Ityoophiyaa maallaqa Baankii Addunyaa fi dhaabbilee deeggartootaa garaagaraarraa argateen fayyadamummaa waliinii fi haqa qabeessa ta’e kennuudhaan tajaajila bu’uuraa barnoota, fayyaa, bishaanii, qonnaa fi baadiyyaa guddisuuf hojiilee garaagaraa garaa hojjetaa jiraachuu ibsaniiru.

Adeemsi raawwii sagantichaa qaqqabummaa tajaajila bu’uuraa haqa qabeessa ta’e fooyyessuu fi itti gaafatamummaa sadarkaa naannoo jiru dabaluu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu Aadde Samariitaan.

Walitti bu’iinsii, Hongee fi weerarri Covid – 19 hojiirraa oolmaa sagantichaatti qormaata cimaa ta’us, Qabeenya dhaabbilee deeggartootarraa argameen lammiilee sababa walitti bu’iinsaan miidhaman deebisanii dhaabuuf hojmaanni hirmaachisaa ta’e hojiirra oolaa jiraachuu kaasaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment