Sadarkaa addunyaatti gatiin Sukkaaraa fi Foonii irra deebiin dabaluu ibsame

Finfinnee, Eebla 30, 2015 (FBC) – Sadarkaa addunyaatti gatiin Sukkaaraa fi Foonii irra deebiin daballii agarsiisuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksise.

Akka ragaan Dhaabbata Qonnaa fi Nyaataa Addunyaa agarsiisutti Baatii Eeblaa darbe kana keessa gatiin Sukkaaraa fi Foonii sadarkaa addunyaatti daballii agarsiiseera.

Baatii kana keessa Sukkaaraa fi bu’aalee Foonirratti daballiin gatii kan mul’ate yoo ta’uu,gatiin Midhaan Dheedhii, bu’aalee Aannanii, Zayitaa fi Kuduraa fi muduraa ammoo hanga tokko hir’isuu RT gabaaseera.

Gatiin Sukkaaraa % 17.6 daballii argisiisuu ibseera.
Daballiin gatii kun Bara Faranjootaa 2011 as isa olaanaa ta’uu eerameera.

Gatiin Foonii % 1.3 daballii argasiisuu dhaabbatichi gabaasa isaan himeera.

Baatiwwan shanan darbaniifi walitti aansuun Gatiin Aannanii fi bu’aalee aannanii % 1.7 hir’isuu fi Zayinnii fi Kuduraaleen % 1.3 hari’isuu ibseera.

Ruuziin ala gatiin Midhaan nyaataa fi midhaan dheedhii biroo % 1.7 hir’ina agarsiisuu ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment