Sosochiin Dargaggoota tola ooltotaa baranaa boruu Asoosaatti eegala

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2015 (FBC)- Sosochiin tajaajilaa tola ooltummaa dargaggootaa baranaa guyyaa boruu Naannoo Beenishaangul Gumuz Magaalaa Asoosaatti akka eegalu, Liigiin Dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa beeksise.

Sagantaa tajaajila tola ooltummaa baranaarratti dargaggoonni miiliyoona 8 ol akka hirmaatan eegama jedhameera.

Liigiin dargaggootaa Paartii badhaadhinaa saganticha ilaalchisuun ibsa kenneera.

Ibsa isaan yeroo Gannaatti dargaggoonni tajaajiloota garaagaraarratti hirmaachuun ashaaraa isaanii akka kaa’aniif qophiin taasifamuu Ittaantuun Pireezidaantii fi Hoggantuun Waajjiraa Liigii Dargaggoota Obaang Kumadaan himaniiru.

Sosochiin kunis boru Magaalaa Asoosaatti ni gaggeeffama jedhaniiru.

Tajaajilaa tola ooltummaa Gannaatiin biqiltuu miiliyoona 400 ol sadarkaa biyyaalessaatti dhabuuf karoorfamuun ibsameera.

Saamu’eel Warqaayyootu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment