Suphaan Warshaa Sukkaaraa Oomoo Kurraazii lakkoofsa lamaa xumuramuun oomisha eegale

Finfinnee, Amajjii 16, 2016 (FBC) – Suphaan Warshaa Sukkaaraa Oomoo Kurraazii lakkoofsa lamaa xumuramuun oomisha eegaluu ibsameera.

Warshichi Shankoora lafa hektaara kuma 3 fi 600 irratti misoome akka galteetti fayyadamuun sukkaara kuntaala kuma 151 fi 200 kan oomishu ta’uu eerameera.

Dabalataan Molaasasii dabalatee hafteewwan oomishaa Toonii kuma 8 fi 402 oomishuuf gara hojiitti galuu ragaan Giruuppii Indaastirii Sukkaaraa Itiyooophiyaarraa argame ni mul’isa.

Suphaa fi qophiilee karoora bara 2016 milkeessuuf isa dandeessisu xumuruun oomisha eegaluu eerameera.

Warshichi bara oomishaa darbe Sukkaara kuntaala kuma 88 fi 720 oomishuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment