Ganna dhufu barsiitota kuma 50’f leenjiin kennamuufi

Finfinnee, Ebla 14, 2016 (FBC)- Ganna dhufu hoggansa barnootaa fi barsiisotaaf leenjiin ga’umsaa kan kennuu ta’uu Ministeerri Barnootaa beeksise.

Leenjichi qulqullina barnootaa dabaluuf ga’umsa barsiisotaa cimsuuf kan kaayyeeffate yoo ta’u, yuunivarsiitiiwwanii fi koolleejjota filamanitti kan kennamu ta’uu dubbataniiru.

Hoji Raawwachiisaa Dursaan Hoggansa Barnootaa fi Barsiisotaa Ministeerichaa Dooktar Muluqan Nigaatuun leenjiin kennamuu damee barnoota barsiisanii fi mala barnootaarratti ta’uu FBC’f ibsaniiru.

Leenjitoonni kunneen leenjicha wyita xumuranitti qormaata madaallii kan fudhatan ta’uu kaasaniiru.

Leenjichi hanqina mala barnootaa fi beekumsa barsiistotaa fi hoggansa barnootaa guutuuf kan tumsu ta’uun eerameera.
Almaaz Mokonnintu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment