Hawaasni idil addunyaa haala mijataa mootummaan dhiyeessetti gargaaramuun hanga deeggarsaa naannoo Tigraayiif taasisu guddisuu qaba-Mootummaa

Finfinnee, Eebila 6, 2014 (FBC) – Hawaasni idil addunyaa haala mijataa mootummaan dhiyeessetti gargaaramuun hanga deeggarsaa naannoo Tigraayiif taasisu guddisuu akka qabu  Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa ibse.

Guyyoottan lamaan darbanitti konkolaattonni fe’umsaa nyaataa fi boba’aa fe’an 50 gara naannichaatti ergamuu tajaajilichi beeksiseera.

Mootummaan lammiilee naannoo Tigraayitti deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsa dhiyeessuuf jecha walitti bu’iinsa dhaabuu tajaajilichi ibsa baaseen yaadachiiseera.

Kana hordofee deeggarsa namoomaa gara naannichaa qaqqabsiisuuf yaalii hedduu taasisaa turuu ibsameera.

Balallii xiyyaaraa guyya guyyaan taasifamu mijeessuun hanga humni dhaabbilee gargaarsaa danda’e deeggarsa qorichaa, meeshaalee yaala fayyaa fi nyaata madaalamaa akka imalchiisaniif haala mijeessuu ibsameera.

Geejjiba lafarraanis marsaa jalqabaan konkolaattonni fe’umsaa deeggarsa nyaataa fe’an 21 gara naannichaa akka galan taasifamuu eerameera.

Guyyoottan lamaan darbanitti konkolaattonni deeggarsa nyaataa fe’an 47 fi konkolaattonni boba’aa fe’an 3 waliigala konkolaattonni 50 Samaraarraa ka’uun gara Maqalee imalaa jiraachuu ibsichaan kaafameera.

Konkolaattonni deeggarsa midhaan nyaataa dabalataa fe’an 10 Samaraarraa imala eegaluu ibsameera.

Mootummaan Ityoophiyaa lammiilee naannoo Tigraay haala rakkisaa keessatti argamaniif deeggarsa barbaachisaa qaqqabsiisuuf waadaa gale eeguun haala mijataa uumuuf hojjechaa jiraachuu tajaajilichi beeksiseera.

Hawaasni idil addunyaas haala mijataa mootummaan uume kanatti fayyadamuun hanga deeggarsa namoomaa naannicha ga’u dabaluu akka qaban yaadachiiseera.

Gama biraan lammiilee naannichaa haala rakkisaa keessa jiraniif deeggarsi akka qaqqabuuf gareen weeraraa bakkeewwan naannolee Amaaraa fi Afaar humnaan qabate gadhiisee akka ba’uu fi sararri daddabarsa deggarsa namoomaa mijataan akka uumamuuf hawaasni idil addunyaa dhiibbaa akka geessisuu mootummaan waamicha dhiyeesseera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment