Karoorri meeshaa guddaa waa hunda ittiin jijjiirrudha – Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Ebla 19, 2016 (FBC) – Hojiilee raawwataman fayyadamummaa ummataan madaalaa deemuun jijjiirama yaadamu milkeessuuf hojjetamuu qaba jedhan Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan.

Karoorri meeshaa guddaa waa hunda ittiin jijjiirramu ta’uu himaniiru.
Hooggansi sadarkaan jiru karooraan hoogganamuun cichoominaan hojjechuu akka qabu jedhan.

Pireezidaant Shimallis, hojiilee karoorfaman qorachaa deemuun hanqinoota jiran irratti xiyyeeffachuun karoora qabame milkeessuuf hojjetamaa turu ta’uu ibsaniiru.

Baatiwwan salgan darban tarkaanfilee haaraa qabatamaan hojiitti hiikuun bu’aa jajjabeessan argamuu kaasaniiru.

Karoorri xiiqii haala walfakkaataa ta’een akka hin raawwatamne kallattii kennamu wal qixa hojiitti hiikuu dhabuun,Hojiin karoorfame hundi wal qixa hoogganamuu dhabuun rakkoo guddaa ta’uun ibsaniiru.

Hooggansi sadarkaan jiru hundi hojiiwwan harca’anii hafan duguuganii raawwachaa karoora bara 2017f ammoo qophii taasisuu akka qabus hubachiisuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment