Obbo Dammaqaan jila miseensota Paarlaamaa fi ogeeyyii yaalaa Isiraa’eel waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 6, 2014 (FBC) –Itti aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin jila miseensota Paarlaamaa fi ogeeyyii yaalaa Isiraa’eel waliin mari’ataniiru.

Jilli kun Miseensa Paarlaamaa Isiraa’eel obbo Gaadii Yibaarkaniin kan durfamu yoo ta’uu miseensota Paarlaamaa biyyattii fi ogeeyyii yaala Fayyaa kan hammate ta’uu ibsameera.

Qaamoleen kunneen yeroo murteessaa kanatti Ityoophiyaatti daawwannaa taasiisuu isaanii obbo Dammaqaan dinqisiifataniiru.

Daawwannaan kun dhaabbilee Fayyaa sababa waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruuf kan kaayyaffate ta’uu ibsameera.

Daawwannichi Hariiroo biyyoota lamaanii seenaa qabeessaa fi bara dheeraa caalmaatti kan cimsu ta’uu obbo Dammaqaan eeraniiru.

Karoorri yeroo gabaabaa jilichaa dhaabbilee yaala Fayyaa sababa waraanaan miidhaman deebisanii ijaaruu fi gurmeessurratti xiyyeeffachuu akka qabu obbo Dammaqaan marii isaaniin ibsuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment