Fana: At a Speed of Life!

Waa’ee Faanaa

Faanaa Broodkaastiing Koorporeet

Dhaabbanni keenya Waldaan Aksiyoona Faanaa Broodkaastiing Koorporeet bara 1987 yammuu hundaa’u, meeshaalee duubatti hafoo fi humna namaa xiqqaadhan bifa adda ta’een miidiyaa broodkaastii biyyattiitti makame.Adeemsa keessas gurmaa’inaa fi qabiyyee sagantaaleesaa fooyyessaa imalasaa itti fufe.Sagantaalee dhimmoota hawaasummaarratti xiyyeeffatan hojjechuudhan jijjiirramni diinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa akka galmaa’u hojjechuudhan raadiyoo, televiizhinii fi marsariitidhaan adda durummaadhan filatamaa ta’aa dhufeera.Dhaabbanni keenya humna namaa baratee fi teeknooloojii ammayyaa guuttachuudhan, ga’ee miidiyaan biyyattii keessatti qooda mataasaa ba’achaa jira.

Gamoo miidiyaa abbaa darbii 11 ijaarrachuudhan akkuma biyya keessatti dhaga’amtummaa argateen, Afrikaa Bahaattis adda duree ta’uudhaf, Amajjii 2003 eegalee maqaasaa Raadiyoo Faanaa gara Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti ol guddisee socho’aa jira.
Raadiyoo fi marsariitidhaan filatamaa akkuma ta’e, stuudiyoo televiizhinii HD ijaarrachuudhan tamsaasa isaatin jaalatama horateera.

Tamsaasa yaalii baatiiwwaniif taasisaa tureen booda, Amajjii 2010 preezdaantii FDRI duraanii Dooktar Mulaatuu Tashoomatiin ebbifamee Televiizhiniin Faanaa afaan Amaaratiin tamsa’aa jira Faanaa Broodkaastiing Koorporeet marsariitii ammayyaa’aa ta’een afaan Oromoo, afaan Amaaraa, afaan Tigraayii fi afaan Ingiliziitin tajaajila laachaa jira.
Miidiyaalee hawaasummaa akka Feesbuukii fi Twiitaraan hojiisaa barreeffamaan, suuraa, viidiyoo fi sagaleedhan qaqqabamaa taasisaa jira. Qabiyyeewwan kanneenis torbeetti daawwattoota miiliyoona 6 ol qaqqabaa jiru. Raadiyoodhan, tamsaasa biyyoolessaa fi FM Faanaa 98.1 ala, magaalota naannoorratti FM 11 banee humna namaa fi teeknooloojii guutefii hojjechaa jiru. Walumaa galatti Waldaan Aksiyoona Faanaa Broodkaastiing Koorporeet FM 12 hundeessee tajaajila laachaa jira. Tamsaasa Afaan Oromoo, Amaaraa, Afaar, Somaalee, Tigraay, Walaayittaa fi afaan Sidaamatiin qaqqabamaa ta’eera.
Wiirtuu Leenjii Teeknooloojii, Gaazexeessummaa fi Koominikeeshiniitis banee leenjii fi tajaajila gorsaa laachaa jira.

Dhaabbanni keenya waajjira muummee fi magaalota naannoleerratti hojjettoota aantummaa ummataa qabanii fi miira abbummaatin hojjetan kuma 1 qaba.