Fana: At a Speed of Life!

Guyyaan qormaanni kutaa 12ffaa bara kanaa itti kennamu ifoome

Finfinnee, Ebla 21, 2016 (FBC) – Qormaanni biyyaalessaa kutaa 12ffaa bara barnootaa 2016 Adoleessa 3, 2016 eegalee kan kennamu ta’uu Tajaajjilli Qormaatilee fi Madaallii ifoomseera.
Qormaanni saayinsii Hawaasaa Adoleessa 3 -5, 2016, Saayinsiin uumamaa Adoolessa 9-11, 2016 Yuunivarsiitiwwanitti ‘Online’ fi waraqaan kan kennamu ta’uu Tajaajjilichi himeera.
Barattoonni Saayinsii Hawaasaa Waraqaan qoraman Waxabajjii 30 hanga Adoolessa 1, 2016, Saayinsiin Uumamaa ammoo Adoolessa 6 -7, 2016 gara Yuunivarsiitii kan seenaan ta’uu himeera.
Barattoonni kana hubatanii yeroon qophii barbaachisa akka taasiisaan hubachiiseera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.