Fana: At a Speed of Life!

Godinichatti Qullubbii Diimaa fi Timaatima lafa hektaara kuma 14 irratti misoomerra callaa kuntaalli kumni 940 ol argame

Finfinnee, Ebla 24, 2016 (FBC) – Godina Jimmaatti Qullubbii Diimaa fi Timaatima lafa hektaara kuma 14 irratti misoomerra callaa kuntaalli kumni 940 ol argamuu Waajjirri Qonnaa godinichaa ibse.
Oomishaleen kunneen gatii madaallawaa hawaasa naannawichaaf dhiyaachaa jiraachuu ibsameera.
Bara kana akka Godina Jimmaatti Qullubbii Diimaan lafa hektaara kuma 4 fi 551 misoomuun Callaan kuntaalli kumni 775 fi 895 argamuu Itti Gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godina Jimmaa Obbo Mahammedxaha Abbaa Fiixan himaniiru.
Timaatimni Lafa heektaara kuma 9 fi 487 irratti misoomuun Callaan kuntaalli kumni 164 fi 382 argamuu dubbataniru.
Tasfaahun Kabbadaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.